🏛️ Office Overview (Ibsa Waajjira)
Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiksii Go.Sh.lixaa bajata mootummaa, hirmaannaa ummataa,galii keessoo fi deeggarsa qaamolee addaa addaatiin hojjiiwwaan ijaarsaa fi suphaa daandiiwwan, riqaalee, akka godinaatti keenyaatti fakkeenya ta'an pirojaktoota gurguddoo ijaarsisee tajaajila hawaasaatiif banaa taasiisee jira.
🔧 Current Initiatives (Hojiiwwan Amma Itti Jiran)
Ammas hojjiiwwaan misoomaa daandii baay'inaan , yeroon fi qulqullinaan dabaluuf ,akkasumas pirojaktootni xumuraaman itti fufiinsaan tajaajila gahaa akka kennaniif caasaalee aanaalee jiran (Waajjira Daandiiwwaanii fi Loojistiksii Aanaalee), qooda fudhatoota, caasaa bulchiinsaa sadarkaan jiraniifi uummata mara waliin qindoominaan hojjachaa jira.
🌉 Special Projects (Piroojektoota Addaa)
Keessumaayyuu, hojiiwwan Fandii Daandii galii walitti qabuu, galii Aanaalee qooduu fi hojiiwwan ijaarsa riqaalee deemsa miila namootaa fi beeyladootaa (TRAIL bridges) hojjatamuuf qabamee hojiin idileessuu akka milka'uuf kaka'uumsa uumuu, iftoominnii , itti gaafatamummaa fi amaanaan akka jiraatuuf qindoomina fi kutannoon hojjachaa jira.
🤝 Community Collaboration (Qindoomina Uummataa)
Hojiin ijaarsa fi suphaa daandii amalumma isaaniitiin hojii hirmaannaa ummataa hundaa, baajata guddaa,yeroofi teeknoolojii ammayyaa gaafataniidha. Dabalataanis bu'uura misoomaa gama mootummaatiin qofa hojjatamuufi qabeenya waloo hawaasni marti garaagarummaa tokko malee itti fayyadamuudha.
📊 Key Achievements (Milkaa'inoota Ijoon)
Kanaaf waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiksii loojistiksii bara 2014 pirojaktoota daandii, riqaalee, egalamanii 21 ol xumuruun tajaajila uummataaf banaa tasiisuu, kanneen hafan immoo sadarkaa garaa garaarran gahu fi suphaa daandii baay'inaan gaggeessuuf bajata bara 2017 hojii waliigalaatiif qabame birri biliyoona torbaa fi miliyoona dhibbaa lamaa fi miliyoona afurtamii shanii oli (1,245,924,835.47) fi hirmaannaa ummata keenyaatiin karoora hojii ijaarsa fi suphaaf qabannee galmaan gahuuf kuttannoon hojii caalmaaf onnattee hojjachaa jira.
🛣️ Infrastructure Development (Misooma Bu'uraalee)
Qabeenyi daandiiwwan godina keenyaa hanga xumura waggaa bara 2017tti sagantaalee ijaarsa daandii pirojektii kaapitaalaatiin, Sagantaa Waliingahiinsa Daandii Baadiyyaa (SWGDB) tiin, Sagantaa Guddina Qonnaa (AGP)n, babal'ina ulaa misoomaa adda ddaatiin ,hojii misooma garagaraatiif sagantaa gara garaan hojjatamaanin daandiin dacha baay'een dabaleen Qabeenya Daandii Aanaaleen Asphaaltii 422.39 km ,URRAP/SWGDB 2,163.47km AGP/SGQ 41.459km ORA/ERA 806.086 km waligalaan 3,355.61 (kiiloo meetira kuma sadii fi Dhibbaa sadii shantammii shan) olitti olguddatee jira.
🚀 Future Vision (Mul'ata Fuulduraa)
Gaaffii fi fedhii ummataa gama suphaa daandiin jiru bu'uura irraa furuuf Labsii "Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa hojiirra oluuchuuf qindoominaa hooggansaa fi hojjatoota godina hanga Aanaa fi gandatti jiran mara ,hirmaannaan ummataa biyya keessaa jiran, deeggartoota misoomaa fi dhaabbilee misooma,abbootii qabeenyaa maddisiisuun waan barbaachisuuf guutu godinaa keenyaa keessaatti sadarkaa hundati cimee itti fuufu qaba.
💪 Community Engagement (Hirmaannaa Uummataa)
Hojjilee karoorfamee sirna hordoffii, deeggarsaa fi duub deebii wal-irraa hin cinnee fi cimaa diriirsudhaan galma qabame milkeessuuf hojjatama waan jiruuf uummanni keenya tumsa barbaachisuu tasiisaa obsaan akka nu egatuu kabajaan gaafanna.
🤝 Partnerships (Qindoomina Hojii Waliin Ta'uun)
Kontiraktaroonni fi imx'lee waajjira daandiiwwaan fi loojistiksii Go/Sh/lixaa waliin hojjataa jiran piroojaktoota isaan harkaa jiran yeroon xumuruun wadaa seenan kabaajuudhaan pirojaktoota fudhatan karaa guutuu ta'een galmaan gahuun gahee isaanii bahachuu qabu.
🗺️ Regional Information (Odeeffannoo Godinaa)
HaalaTeessuma lafaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa Godinalee 21 jiran keessa yoo taatu daangeffama Godinichaa Bahaan …………………Magaalaa Hoolotaa, Shagar fi Godina Sh/Kaabaa Dhihaan……………… Godina Wallaggaa Bahaa Kaabaan………………. Naannoo Amaaraa Kaaba Lixaatin ………...H/Guduruu Wallaggaa Kaaba Bahaatin ………..Kaaba Shawaa Kibba Lixaatiin ………..Godina Jimmaa Kibbaan …………………...Godina Shawaa Kibba Lixaa fi Sabaa fi Sab/Ummattoota Kibbaa tiin kan daangeeffamudha qaban keessaa tokko yoo taatu, garaa biyyattii keessatti argamti.
📈 Regional Statistics (Lakkoofsaalee Godinaa)
Magaalaan guddoon Naannichaa Finfinne (Addis Ababa)irraa 114km faaggatee argamtuu yoo taatu, magaalla guddoo Amboo ta'ttii. Baldhinni lafaa 14,321.19Km2 yoo ta'u, uummatni lakkoofsi isaa 185.76 ta'u lafa km2 tokko irra jiraতা jedhamee yaadama. Caasaa Godinichaa: Aanaalee baadiyyaa 23, Bul/Mag/ sadarkaa adda addaa 53, Gandoota Baadiyyaa 547 Waligalatti gandoота 609